Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Dooguutti Namoonni Kudhan Eela Beelaan Dhuman!

(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 8, 2008) Oromiyaa bahaa godina  Harargee Bahaa Onoota gara garaa keessatti beelli ummata fixaa akka jiru gabaafame.

Oduun nu dhaqqabe akka ifa godhutti, Godina Harargee Bahaa Ona Giraawwaa magaalaa Doogu jedhamtu keessatti qofa namoonni 10 eela beelaan dhumanii jiru.

Yeroo ummanni Oromiyaa miliyoon shanii ol ta’u eela beelaan dhumaa jiru kanatti mootummaan garboonfataa wayyaanee, garuu, gurra isaa cufatee meehsaa waraanaafi humna ittisaa gabbifachaa jira.

Beela sababa imaammata badaa wayyaaneen hordoftuun babal’achaa jiru kanaan naannoon Oromiyaa takkaa beelaan hintuqamiin ture otuu hinhafiin eela beelaan gaaga’amaa akka jiran gabaasamaa jira.

Eela beelaan namoota dhuman addaan baasanii beekuun wayita rakkisaa ta’aa jiru kanattis, tibbana  Oromiyaa bahaa magaalaa Dooguu keessaa namooti kudhan eela beelaan dhumuun gabaasamee jira.

Gama biroonis, Onoota akka Burqaa, Mayyu, Fadisii fi Baabbillee keessaa ummanni sababa beelaan buqqa’ee godaanaa akka jiru maddi oduu ABO gabaasee jira.

Keessumaa uummanni godinoota Arsii Lixaa, Booranaafi Gujii eela beelaan dhumaa jiran. Oromiyaa keessatti namooti beelaan eelamaa jiran gara miliyoona shanii akka ta’an dhaabbattooti mitmootummaa biyya alaa tilmaamaa jiru.

Mootummaan wayyaanee garuu, Dhugaa kana dubbataa hin jiru. Inumaayyuu, akka dureen paartii WFDO, Obbo Bulchaa Dammaqsaa “Jimma Times” irratti ibsanitti, mootummaan wayyaanee Dhugaa biyyattii keessa yaa’ee dambali’aa jiru kana “dubbachuu hinbarbaadu.Warra dubbachuu barbaadullee ni doorsisa-akka hindubbanneef.”

Akka ibsa Obbo Bulchaatti, namoonni beela’an akka gargaarsa argatani dubbachuun barbachisadha. Garuu mootummaan kun ofii nan gargaara yaada jedhuun dhimma kana dhokseera.

“Yoo akkas tahee waan mootummaan Haayilasillaasee fi Darguu godhan irraa maal adda taha?” jedhanii kan qeeqan Obbo Bulchaan, gochi akkanaa oolee bulee badii malee faayidaa buusu  akka hinqabne akeekkachiisaniiru.

**********

Lola dabballootni wayyaanee Oromoo fi Somaalii gosa Iisaa gidduutti xaxaniin namootni du’an 20 ga’an.

 (Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 8, 2008)  Maddeen oduu keenyaa akka gabaasanitti, naannoo magaalaa Mi’eessootti shira dabballootni wayyaanee Oromoo fi Iisaa gidduutti xaxaniin lolli ummatoota lamaan gidduutti dhalate bal’inaan itti fufuun gabaafame.

Lola kana keessatti haga ammaatti namootni 20 ol akka du’anis maddeen keenya mirkaneessaniiru. Namootni madaa’anis baay’ee ta’uun ni himama.

Poolisootni Federaalaa sirna wayyaanee naannichatti bobbaafaman haalicha qabbaneessuuf hojjechuu irra Iisaa irra goranii Oromoo meesha maleeyyiitti akka duulan maddeen keenya dabalanii eeraniiru. Oromoon akka waliif hin dirmatne illee poolisootni kun dhorkuun ibsameera.

Yeroo ammaa mootummaan wayyaanee dabballoota isaa bobbaasuun sabaa fi sab-lammoota biyyattii Oromoof ollaa ta’an irratti kakaasuu bal’inaan geggeessaa jira.


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net